Hooseʼaa 4

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.

2Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.

3Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.

4“Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; sabni keessan akkuma nama luba himatu tokkoo ti.

5Ati halkanii fi guyyaa gufatta; raajonnis isin wajjin gufatu. Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;

6sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.

7Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.

8Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; hammina isaaniis ni hawwu.

9Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba; hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.

10“Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisanii dabarsanii

11sagaagaltummaatti, daadhii wayinii moofaa fi haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.

12Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.

13Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.

14“Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!

15“Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.

16Israaʼeloonni akkuma goromsa mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?

17Efreem waaqota tolfamootti galeera; isa ittuma dhiisaa!

18Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.

19Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.

Hooseʼaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0