Hooseʼaa 12
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Efreem bubbee nyaata; inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; sobaa fi gooliis ni baayʼisa. Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
2Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba; inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
3Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.
4Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; booʼees surraa kadhate. Inni Beetʼeelitti isa argatee achitti isa wajjin haasaʼe.
5Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, maqaan isaa Waaqayyo!
6Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
7Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata.
8Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.”
9“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan biyya Gibxii si baasee dha; ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
10Ani raajotatti dubbadhee mulʼata hedduu kenneefii karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
11Giliʼaad hamaadhaa? Sabni ishee faayidaa hin qabu! Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa kan qotame irra jiruu ni taʼa.
12Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
13Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame; inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.
14Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa; arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.
Hooseʼaa
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0