Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Isa Ni Argina

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Isa Ni Argina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 3:2

Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.

02 1 Qorontos 13:12

Amma of-ilaalee keessaan bifa dimimmisaaʼaa arginaatii; yeroo sana garuu ifaan ifatti ni argina. Ani amma gartokkon beeka; yeroo sana garuu ani akkuma guutummaatti beekame sana guutummaatti beekuufin jira.

03 Mulʼata 22:4

Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama.

04 Maatewos 5:8

Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.

05 Iyyoob 19:25-26

Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka. Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;

06 Mulʼata 1:7

“Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.” Akkasuma taʼa! Ameen.

07 Faarfannaa 17:15

Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.

08 2 Qorontos 3:18

Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.

09 Yohannis 17:24

“Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.

10 Ibroota 12:14

Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.

11 Fiiliphisiyuus 3:21

innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.

12 Qolosaayis 3:4

Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.

13 1 Tasaloniiqee 4:17

Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban