Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Iddoo Qopheeffame

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Iddoo Qopheeffame dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 14:3

Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.

02 Yohannis 14:2

Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.

03 Ibroota 11:16

Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.

04 Ibroota 13:14

Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.

05 Mulʼata 21:3

Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa.

06 Yohannis 14:1

“Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.

07 2 Qorontos 5:1

Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.

08 Fiiliphisiyuus 3:20

Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;

09 Mulʼata 21:2

Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.

10 Luqaas 23:43

Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.

11 Ibroota 11:10

Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii.

12 1 Phexros 1:4

akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;

13 Qolosaayis 3:1-2

Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban