Fakkeenya 11

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.

2Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

3Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

4Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

5Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.

6Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.

7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.

8Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.

9Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.

10Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.

11Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.

12Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.

13Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.

14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.

15Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.

16Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

17Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

18Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.

19Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.

20Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.

21Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu.

22Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.

23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.

24Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.

25Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

26Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.

27Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.

28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.

29Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.

30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.

31Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!

Fakkeenya

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0