Ermiyaas 47

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

2Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. Uummanni ni booʼa; warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, girrisa gaariiwwan diinaatii fi qaqawweessa goommaa isaaniitiif. Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

4Filisxeemota hunda balleessuuf hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa gargaaruuf hafan hundas balleessuuf guyyaan sun dhufeeraatii. Waaqayyo Filisxeemota, hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; Ashqaloon ni calʼisti. Yaa hambaa dirree irraa isin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo ati hamma yoomiitti hin boqonne? Manʼee keetti deebiʼi; calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.

7Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu, yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

Ermiyaas

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0