Ermiyaas 45
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha:
“Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha:
ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette.
Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa.
Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’ ”
Ermiyaas
Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0