1 Seenaa 1
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Addaam, Seeti, Enoosh,
2Qeenaan, Mahalaleel, Yaared,
3Henook, Matuuselaa, Laameh, Noh.
4Ilmaan Noh: Seem, Haam, Yaafet:
5Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
6Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
7Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
8Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
9Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
10Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
11Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
12Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
13Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa,
14Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
15Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
16Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
17Ilmaan Seem: Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan. Ilmaan Arraam: Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
18Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
19Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate: Sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef, maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
20Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
21Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
22Eebaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
23Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
24Seem, Arfaakshadi, Sheelaa,
25Eeberi, Felegi, Reʼuu,
26Seruugi, Naahoor, Taaraa,
27akkasumas Abraam kan Abrahaam jedhame sanaa dha.
28Ilmaan Abrahaam: Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel.
29Sanyiiwwan isaanii warra kanneenii dha: Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,
30Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa,
31Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa. Isaan kunneen ilmaan Ishmaaʼeel.
32Ilmaan Qexuuraan saajjatoon Abrahaam sun deesse: Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa. Ilmaan Yokshaan: Shebaa fi Dedaan.
33Ilmaan Midiyaan: Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
34Abrahaam abbaa Yisihaaq. Ilmaan Yisihaaq: Esaawuu fi Israaʼel.
35Ilmaan Esaawu: Eliifaaz, Reʼuuʼeel, Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi.
36Ilmaan Eliifaaz: Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz; karaa Tiimnaatiin: Amaaleq.
37Ilmaan Reʼuuʼeel: Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah.
38Ilmaan Seeʼiir: Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
39Ilmaan Looxaan: Hoorii fi Hoomaam, Tiimnaa obboleettii Looxaan.
40Ilmaan Sobaal: Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami. Ilmaan Zibeʼoon: Ayyaa fi Aannaa.
41Ilmi Aannaa: Diishoon. Ilmaan Diishoon: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
42Ilmaan Eezeri: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaan: Uuzii fi Araan.
43Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana.
44Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
45Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
46Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
47Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
48Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
49Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
50Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte.
51Hadaadis ni duʼe. Hangafoota saba Edoom: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
52Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
53Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
54Magidiiʼeelii fi Iiraam. Namoonni kunneen hangafoota Edoom turan.
1 Seenaa
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0