Zakkaariyaas 9
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Raajiin dubbii Waaqayyoo biyya Hadraakitti ni dhufa; Damaasqoo irras ni buʼa; iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara Waaqayyo ni ilaalaatii;
2akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
3Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
4Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti.
5Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; Eqroonis ontee hafti.
6Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
7Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
8Ani garuu loltuu cabsitee seentu mana koo irraa nan dhowwa. Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; ani amma dammaqee nan eegaatii.
9Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
10Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; iddaan waraanaas ni caccaba. Inni sabootatti nagaa ni labsa; bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
11Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
12Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
13Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee Efreem keessa nan guuta. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee ilmaan Giriikitti nan kaasa; siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
14Waaqayyo isaan irratti ni mulʼata; xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. Waaqayyo Gooftaan malakata ni afuufa; inni bubbee kibbaatiin deema;
15Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
16Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, Waaqayyo Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
17Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! Midhaan dargaggoota, daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.
Zakkaariyaas
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0