Miikiyaas 4

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu.

2Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.

3Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.

4Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

5Saboonni hundinuu maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; nu immoo bara baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.

6Waaqayyo akkana jedha; “Ani bara sana naafa walittin qaba; warra boojiʼamanii fi warra ani gaddisiises walittin qaba.

7Ani warra naafa hambaa, warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.

8Yaa gamoo eegumsa bushaayee, yaa daʼoo Intala Xiyoon, ol aantummaan durii siif ni deebifama; mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”

9Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? Ati mootii hin qabduu? Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf gorsaan kee badeetii?

10Yaa Intala Xiyoon, akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; ati amma bakkee keessa qubachuuf magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. Ati Baabilon dhaqxa; achitti ni baraaramta. Waaqayyo achitti harka diina keetii keessaa si fura.

11Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. Isaanis, “Isheen haa xurooftu; iji keenya xiyyeeffatee Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu.

12Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.

13“Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.

Miikiyaas

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0