Faaruu 4

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! Dhagaawwan iddoo qulqulluu fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.

2Ilmaan Xiyoon kanneen akka warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun amma akkamitti akka okkotee supheetti, akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!

3Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf harma isaanii ni kennu; sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii gara jabeessa taʼeera.

4Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii laagaatti maxxana; ijoolleen buddeena kadhatti: garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.

5Warri dur cidha nyaachaa turan, rakkatanii daandii irra jiru. Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan harʼa tuullaa dikee hammatu.

6Adabbiin yakka saba koo adabbii yakka Sodoom kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.

7Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaa adaadii turan; dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.

8Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; akka mukaas gogeera.

9Warra beelaan dhumanii mannaa, warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii beelaan alatti goggoganii dhumu.

10Yeroo sabni koo dhumetti dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin akka nyaata isaanii taʼaniif ijoollee ofii affeelan.

11Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. Xiyoon keessattis ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.

12Akka diinonni yookaan amajaajonni karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, mootonni biyya lafaa yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.

13Garuu wanni kun sababii cubbuu raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiif taʼe.

14Isaan akkuma jaamotaa daandii irra gatantaru. Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.

15Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.

16Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; inni siʼachi isaan hin eegu. Luboonni hin kabajamne; maanguddoonni surraa hin arganne.

17Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan iji keenya dadhabe; gamoo keenya irra teenyee saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.

18Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef namoonni tarkaanfii keenya eegu. Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru; badiisni keenya dhufeeraatii.

19Warri nu ariʼan risaa samii caalaa saffisu; isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.

20Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, kiyyoo isaaniitiin qabame. Nu waan gaaddidduu isaa jala, Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.

21Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu ati ililchi, gammadis. Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; atis machooftee qullaa kee hafta.

22Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; hammina kees ifatti baasa.

Faaruu

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0