Iyyaasuu 12

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.

Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.

Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha.

Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. Mootonnis kanneenii dha:

Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko

mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko

mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko

mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko

mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko

mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko

mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko

mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko

mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko

mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko

mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko

mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko

mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko

mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko

mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko

mootii Tiirzaa, tokko. Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.

Iyyaasuu

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0