Uumama 10
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
2Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
3Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
4Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
5Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
6Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
7Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
8Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
9Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
10Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
11Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
12akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
13Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
14Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
15Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
16Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
17Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
18Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
19daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
20Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
21Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
22Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
23Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
24Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
25Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
26Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
27Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
28Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
29Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
30Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
31Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
32Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.
Uumama
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0