Hisqiʼeel 19
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1“Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi;
2akkanas jedhi: “ ‘Haati kee leencota gidduutti, leenca akkamii turte! Isheen leencota gidduu ciiftee ilmoolee ishee guddifatte.
3Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte; innis leenca jabaa taʼe. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
4Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan; inni boolla isaanii keessatti qabame. Isaan hokkoodhaan harkisanii gara biyya Gibxitti isa geessan.
5“ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin, akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti, ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee leenca jabaa gootee guddifte.
6Inni leencota gidduu biddiiqe; leenca jabaa taʼeeraatii. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
7Inni daʼannoo isaanii diige; magaalaawwan isaaniis onse. Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi aaduu isaatiin raafaman.
8Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo sanaa jiran isatti kaʼan. Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan; innis boolla isaanii keessatti qabame.
9Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan; gara mootii Baabilonitti isa fidan. Mana hidhaatti isa galchan; kanaafuu aaduun isaa tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.
10“ ‘Haati kee akkuma wayinii lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti; biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef mistee damee hedduu baaffatte.
11Dameewwan isaas jajjaboo bokkuu bulchaatiif taʼan turan. Isheen baalawwan gobbatan gidduutti ol dheerina isheetii fi baayʼina dameewwan isheetiin ol dheerattee mulʼatti turte.
12Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee lafatti gatamte. Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee ija ishee irraa harcaase; dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan; ibiddis isaan fixe.
13Amma isheen gammoojjii keessa, lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.
14Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee ija ishee fixe. Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’ Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”
Hisqiʼeel
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0